ONM-ABO Hagayya 13, 2024
Waraanni maaliif akka waraana ta’e hin beekne uummata nagaa keessa deemuun maqaa WBO waliin hariiroo qabdu jedhu qofaan qawwee of harkaa qabutti dhimma bahuun yakkee manneen hawaasaa jumlaan gubuu fi saamuu jabeessee jira.
Bifuma kanaan Hagayya 10, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Roobee Diida’aa ganda Jeenaa Gadamsaa iddoo addaa Adaamii keessatti gubaatiin manneenii walitti fufiinsaan raawwachaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Namoota manneen isaanii jalaa gubate keessaa muraasni kan maqaan ONM qaqqabe:
1. Rashiid Kamaal
2. Abdallaa Hamiid
3. Arbuu Hamiid
4. Musxaafa Maammaa
5. Tujaaraa Musxafaa fi kanneen biroo maqaan nu hin geenye yoo ta’an, namootni kunneen mi’a mana keessaa tokko osoo hin baafatin jalaa gubanii barbaadeessan jedhu jiraattonni.
Aanichuma ganda Gooroo keessattis namoota maqaan isaanii
1. Musxafaa Abdallaa
2. Qamar Ibroo
3. Sheek Mahaammad Huseen fi
4. Mahaammad Huseen kanneen jedhaman jalaas guyyuma wal fakkataatti jalaa gubanii barbadeessuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

