ONM-ABO Onkoloolessa 1, 2024
Uummanni Oromoo qaama shiftaa impaayerattiin bulchaa jira jedhuun rakkoolee hangana hin jedhamneen gidirfamaa, saamamaa fi manni irratti gubachuu itti fufuun jireenya gadadoo hamaa keessummeessaa fi qaamaa qalbiin isaa cabaa jira.
Haaluma kanaan Fulbaana 30, 2024 murni garboomsaan uummata afaan qawween ukkaamsee seeraa fi heera cabsuun akka fedhii isaatti bulchaa jiru akkuma bartee isaa badii tokko malee uummata nagaa maqaa garagaraa itti moggaasuun hiraarsaa jira.
Itti dabaluunis Fulbaana 28, 2024 aanaa Roobee Dida’aa keessatti gareen faashistii Bilxiginnaa naasuu fi marartee tokkollee uummataaf hin qabne manneen hawaasaa jumlaan ibiddaan gubanii barbadeessaniiru.
Warreen manni jalaa gubate keessaa kanneen maqaan nu ga’e:
- Nuuree Usmaan,
- Abdulmannaan Huseen,
- Nuuraa Ibroo,
- Abdulmalikoo,
- Kamiloo Huseen,
- Timiruu Maamiiyyoo,
- Sadiqoo Mammiyyoo,
- Usmaa’il Ibroo,
- Muzammil Huseen,
- Abdaa Maammaa,
- Mahaammad Amiin Husee,
- Jeyluu Siraaj,
- Jaafuu Jasuu,
- Maammiyyoo Ahimed,
- Naddii Maammiyyoo fi
- Jabboo kanneen jedhamaniidha.
Gareen sirna dhableen kun sangaa tokko immoo hawaasa irraa humnaan fudhuun qalatanii miilla tokko qofa irraa nyaatanii hallayyaatti gatanii jiraachuu maddeen ibsaniiru.

