ONM-ABO Hagayya 12, 2024
Qabeenya harkaa saamuu fi mancaasuun dingdeen duubatti hambisuu, hidhaan dararuu, maallaqa guddaa namni sun qabatee hin beekne irraa fuudhuu fi ajjeesanii jiilchuu kan jedhu karoora jabaa murni bilxiginnaa baafatee loltoota isaa gorsee hawaasaa keessa bobbaasee ta’uu loltootni PP harka kennatan ni himu.
Haaluma kanaan gaafa Hagayya 10, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Roobee Diida’aa ganda Jenaa Gadamsaa keessatti dubartii maqaan ishee Bulbulee Hajii Bakkoo Subbii jedhamtu rasaasa sagal itti roobsuun ajjeesan.
Aanichuma ganda Jenaa Hululii irraayis nama maqaan isaa Ziyaadoo Sayid Adam jedhamu abbaa ijoollee shanii kan ta’e naasuu tokko malee ija maatii isaa duratti manaa gadi baasanii rasaasa itti roobsuun galaaafatan.
Kana malees Hagayya 10, 2024 irraa eegaluun osoo addaan hin citin horii 9 fi Re’oota 63 uummata jalaa saamuun qalatanii nyaachaa turuus himan.
Namoonni qabeenyi isaanii harkaa saamame:
- Mahaammad Useen jalaa horii 3
- Abdullaxiif Abdallaa horii 2
- Zaaruu Qasoo horii 4 fi Re’oota 24
- Bayyaan Qasiim re’oota 19
- Leencoo Mahaammad re’oota 20 irraa gurraachun qalatanii jiraachuu maddeenii fi jiraattonni ONM’tti himaniiru.

