ONM-ABO Sadaasa 7, 2024
Lukkeeleen Bilxiginnaa ajaja qaama olii irraa isaanitti kennamu milkeessanii ajajaa isaanii gammachiisuu fi sadarkaa aangoo isaanii guddifachuuf jecha hawaasa dhaabbachaafii jirra jedhanitti deebi’uun ajjeesaa, saamaa, hidhaatti darbachaa akkasumas qe’ee fi qabeenya isaanii ibiddaan jalaa barbadeessaa kan jiran yoo ta’uu, gocha badii isaanii kana jabeessuun Baha Shaggar aanaa Dugdaatti qonnaan bultoota saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuun himamee jira.
Aanaa Dugdaa ganda Hafaa Qamalee keessaa guyyaa dheengaddaa jechuun Sadaasa 5, 2024 ergamtoonni sirnichaa maqaa sakattaan bobbaatee uummata nagaa saamaa ooltu qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Gammachuu Siidaa jedhamu jalaa qotiyyoo 8 fudhatanii kan jiran ta’uu jiraataan gandichaa tokko Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himee jira.
Akka jiraataan kun himetti, Obbo Gammachuun siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata WBO qabda” jedhu itti maxxansanii saamanii kan jiran ta’uu fi torbee kanas aanicha keessatti maqaa sakattaa jedhuun waraanni Bilxiginnaa godinichuma aanaa Booraa irraas humna guddaan garasitti bobba’uun hawaasa nagaa ba’uu fi galuu dhorkachaa jiraachuu irraa kan ka’e hawaasni qe’ee isaa gadi dhiisuun bosonatti baqachaa kan jiru ta’uus itti dabaluun dubbateera.

