Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar aanaa Dugdaatti saamichi qonnaan bultoota irratti waraana faashistii PP’n hammaate 

ONM-ABO Hagayya 17, 2024

Qonnaan bultoonni Oromoo ooyiruu isaanii irratti yakka tokko malee hadheeffamuun  ajjeechaa, saamichaa fi hidhaan waraana garboomfataa Bilxiginnaan irratti raawwatamuun guyyaa guyyaan jireenyi isaanii goolamaa kan jiru yoo ta’u, uummanni onoota adda addaas mana jireenyaa dhabuu fi godaansaaf saaxilamaa jirra jechuun dubbatu.

Waraanni Bilxiginnaa qe’eetti bobba’ee yeroo nu adamsuuf dhufutti nuti lubbuu keenya baafachuuf yoo baqannu mana jireenyaa keenya ibiddaan barbadeessuu, meeshaalee saamuu fi gochoota badii abdii nama kitachiisu akkasumas; egeree jireenyaaf haamilee nu buusu gochaa jiru jechuun  jiraattonni ONM’tti himan.

Bifuma kanaan godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Shubii Gaamootti Hagayya 11, 2024 jaarsa umuriin isaanii ganna 80 ta’e Obbo Seenxoo Raayyaa kan jedhamu jalaa loon 70 jabbiilee waliin jalaa fudhachuun mooraa waraanaa Gaamootti geessuun beekameera.

Kana malees loon qonnaan bultoota hedduu jalaa saamanii qalachaa akka jiran kan himamu yommuu ta’u, Obbo Seenxoon kan saamichi irratti geeggeffame kun ijni isaanii guutummaatti jaamee nama jiruu fi  maatiin isaanii baay’inni 12 ta’e sodaa lubbuu isaaniif mana irraa baqatanii rakkoo hamaaf saaxilamanii jiraachuun barameera. 

Exit mobile version