Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni bilxiginnaa baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti manneen uummataa gubuu, saamuu fi uummata qe’ee irraa godaansisaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Sadaasa 24, 2023

Giddu Galeessa Oromiyaa baha Shaggar ona Fantaallee ganda Ilaalaa keessatti  gareen humna waraanaan uummata nagaa goolaa jiru hidhattootni murna bilxiginnaa namoota nagaa loowwan ofii tikfatee jiraatu irratti dararaa daran hammeessanii jiraachuu himuun, Sadaasa 18, 2023 manneen hawaasa nagaa sadii fi dukkaana daldalaa tokko guutummaatti ibiddaan barbadeessanii jiru.

Ittuma dabaluun Sadaasa 19/2023 ona Fantaallee ganda Doddotii iddoo addaa Kaarraa jedhamu keessatti manneen qonnaan bultootaa 30 ol toora tokkotti gubanii barbadeessuu fi uummatas buqqaasanii godaansiisaa jiraachuu odeessi uummata irraa arganne ni addeessa.

Haaluma kanaan onuma Fantaallee keessatti Sadaasa 18/2023  nama nagaa jireenya ofii geggeeffatu Kan maqaan isaa Fantaallee Hawaas jedhamu rasaasa sadii itti dhukaasuun kan ajjeesan yoo ta’u, nama Roobaa Hawaas jedhamu cuupheen waraanuun kan miidhanii fi yeroo ammaa yaalaaf hospitaala galee akka jirus dabaluun dubbatu.

Oduuma wal fakkaatuun waraanni abaaramaan koloneel Abiy Ahimediin hoogganamu kun qabeenya uummataas heyyama tokko malee saamaa jiraachuu ibsuun ganda Bantii fi Qobboo jedhamu keessatti re’oota gara shantamaatti tilmaamamu dirqamaan qalatanii nyaatanii jiraachuu maddeen keenya Arraataa Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version