Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Giddugala Oromiyaa  bahaa Shaggar ona Boosatii fi Fantaallee irraa qunnamtii  bilbilaa  kutuun uummanni dararamaa jiraachuun barame

Giddugala Oromiyaa  bahaa Shaggar ona Boosatii fi Fantaallee irraa qunnamtii  bilbilaa  kutuun uummanni dararamaa jiraachuun barame.

ONM-ABO onko 26, 2022
Murni bilxiginnaa  uummata Oromoo dukkaana keessatti  rakkisuu itti fufuun irraa Onkoloolessa 23/2022 irraa kaasee hanga guyyaa har’aatti godina baha Shaggar ona Fantaallee  fi Boosat irraa quunnamtii bilbilaa kutuun uummata  dararaa jira. Sababni murni aangoo isaa tikfachuuf waan dabaa cufa hojjechaa jiru quunnamtii bilbilaa uummata irraa balleessaniif akkuma Oromiyaa kutaalee akka  Shaggar lixaa fi baha Wallaggaatti uummata naannoolee biraatti uummata xiyyaara  waraanaan rukuchaa jirutti, rukutuuf qophii geggeessaa jiraachuu shakkii qaban uummatni dubbachaa jira. Waraanni lafoo murni bilxiginnaa gaara keessa deemee sakatta’iinsa WBO jechuun socho’aa jiru. Miidhaa hawaasa nagaa irra qaqqabaa jirus akkaataa itti adda baasan dhabamee jira. Dabalataanis ona Boosat magaalaa Oolancitii    keessatti milishaan warra guyyaan hojii humnaa hojjatanii jireenya harka irraa gara afaanii jiraatan dirqamaan magaalaa keessaa guuruun xaafii ofii humnaan haamsifachaa jiru. Erga haamsisanii booda nyaatas ta’ee qarshii tokkollee osoo hin laatiniif itti fayyadamanii ofirraa gaggeessu. Walumaagalatti ona Boosatii fi Fantaallee keessatti dararaa murni bilxiginnaa waraana isaa bobbaasuun  uummata nagaa irratti raawwachaa jiru daangaa darbuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa onoota lameenii addeessaniiru.

Exit mobile version