ONM-ABO Fulbaana 12, 2024
Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Fulbaana 6, 2024 Oromiyaa guutuutti hojii irra oole guyyaa 7’ffaaf itti fufee jira.
Labsii kanaanis daandiin guddichi Lixa Oromiyaa fi Finfinnee wal quunnamsiisu Amboo gaditti guutuutti cufaa yoo ta’u, daandiin aanaalee fi godinaalee akkasumas naannolee akka Beenishaangul Gumuz irraas cufamee jiraachuun barameera.
Kibba Bahaa godina Arsii Bahaa, Baha Shaggar Boosatii fi Adaamaa gidduu, Fantaallee akkasumas Gujii Bahaa keessattis cufaadha.
Kaaba Shaggar aanota adda addaa keessattis labsiin kun hojii irra ooluun kaabinootni Bilxiginnaa danqamaa fi muddama siyaasaa keessa jiraachuun barameera.
Kun kanaan osoo jiruu murni faashistii PP bakka qondaaltotni Waraana Bilisummaa Oromoo keessa socho’an jechuun quunnamtii interneetii fi bilbilaa kutuun waraana isaa bobbaasus WBO’n haala ajaa’ibaan rukutee ofirraa deebisee jira.

