Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Gabaasa Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa Oromiyaa Keessatti Qeerroo Bilisummaa Oromoon Labsame: Guyyaa 1ffaa

ONM-ABO Fulbaana 6, 2024

Qeeroon Bilisummaa Oromoo Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa akka guutuu Oromiyaatti guyyaa kaleessaa Fulbaana 6/2024 egaluun hojii irra oolchee jiruu gabaa fi geejjibni bakkoota hedduu dhaabbatee ooleera.

Haaluma kanaan daandiin godinaa Arsii Bahaa magaalaa Asallaa irraa ka’un aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Haburaa keessaa darbee godinaa Baha Shaggar magaalaa Maqii geessu sochiin tokko irra akka hin turre qeeroon bilisummaa Oromoo ibsanii jiru.

Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo, Mana Sibuu, Qilxu Kaarraa, Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo, Baha Wallaggaa Kiiramuu, Eebantuu, Giddaa fi Sibuu Sireen cufaatti oolan.
Lixa Shaggar fi Kibba Lixa Shaggar aanaalee akka Noonnoo fi Ammayyaa keessattis cufamee jira.

Konkolaataa Gimbii irraa gara Begii akka deemaniif lukkeeleen Bilxiginnaa doorsisaa turanis namni isaan dhaga’u dhabamuun konkolaataan dhaabbachaa ture.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Diddaan Uummataa guutuu Oromiyaa keessatti akka jabaatuuf irratti hojjechaa jiraachuu ibsanii jiru.

Lixa Oromiyaa magaalaa Naqamtee keessatti labsiin hojiirra kan oole yoo ta’u, waraanni Bilxiginnaa humnaan konkolaataa sochoosaa fi qaamolee dukkaana cufan irratti dhiibbaa gochaa turuun barameera. Namoota labsii kanaaf bitames adabuuf kaleessa waltajjii waamuun akeekkachiisaa turuun ni beekama.

Qeerroon Bilsummaa Oromoo lagannaa gabaa fi ugguraa geejjibaa labsame sababeefachuun tarkaanfii waajjiraalee PPn caasaa haaraa keessa qubsiifachuuf tattaafachaa jirtu hedduu ibiddaan barbadeessuu beeksise.

Haaluma kanaan kaleessa Fulbaana 5/2024 halkan godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa gandoota 3
1 . Soojjii Saadee
2 . Mitaana Gaadoo
3 . Mitaanaa Hindheessaa keessaa waajjiraalee jiran hunda guutummaatti ibiddaan barbadeessanii jiru.

Ittuma fufuun
Aanaa Honqooloo Waabee keessattis,
Ganda Maccituu keessaa waajjira gandichaa guutummaatti barbadeessanii jiru.

Labsiin Lagannaa fi Ugguraa godina Lixa Shaggar aanaalee akka Jibaatii, Dirree Hincinnii,Tokkee Kuttayee, Noonnoo fi kkf
Kibba Lixa Shaggar aanaalee Ammayyaa, Haroo Wancii, Gooroo fi kkftti hojiirra ooleera.

Konkolaataan godina Boorana Bahaa magaalaa Nagellee Booranaa irraa gara aanaalee akka Liiban fi Gumii Eldelloo geessu cufaa dha.

Lagannaan kun bor guyyaa 2ffaaf guutuu Oromiyaa keessatti itti fufee akka oolu barameera.

Diddaan Uummataa itti fufa❗

Exit mobile version