ONM-ABO Fulbaana 7, 2024
Qeeroon Bilisummaa Oromoo Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa akka guutuu Oromiyaatti guyyaa kaleessaa Fulbaana 6, 2024 irraa egaluun hojii irra oolchee jiruun sochiin gabaa fi geejjibaa bakkoota hedduutti dhaabbatee ooleera.
Haaluma kanaan daandiin godina Arsii Bahaa magaalaa Asallaa irraa ka’uun aanaa Zuwaay Dugdaa magaalaa Haburaa keessa darbee godina Baha Shaggar magaalaa Maqii geessu sochiin tokko irra akka hin turre Qeeroon Bilisummaa Oromoo ibsanii jiru.
Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo, Mana Sibuu, Qilxuu Kaarraa, Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo, Baha Wallaggaa Kiiramuu, Eebantuu, Giddaa fi Sibuu Sireen cufaatti oolan.
Lixa Shaggar fi Kibba Lixa Shaggar aanaalee akka Noonnoo fi Ammayyaa keessattis cufamee jira.
Konkolaataa Gimbii irraa gara Begii akka deemaniif lukkeeleen Bilxiginnaa doorsisaa turanis namni isaan dhaga’u dhabamuun konkolaataan dhaabbachaa ture.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo Diddaan Uummataa guutuu Oromiyaa keessatti akka jabaatuuf irratti hojjechaa jiraachuu ibsanii jiru.
Lagannaan kun har’a guyyaa 2’ffaaf guutuu Oromiyaa keessatti itti fufee jiraachuun barameera.

