ONM-ABO Fulbaana 17, 2024
Akka odeessi keessoo Bilxiginnaa ba’e addeessutti murni abbaa irree koloneel Abiy Ahimediin hoogganamu Bilxiginnaan akkuma quunnamtii bilbilaa fi interneetaa godina Kaaba Shaggar irraa kutee jiru Lixa Oromiyaa irraa kutuufis karoora baasanii akka jiran beekameera.
Oromoo cunqursee bulchuuf diddaa fi qabsoon Oromoo dhabamuu qabaatti kan amanu murni Bilxiginnaa duula lolaa fi hololaa geggeessaa jiruun cinaatti uummata naannoo lolli itti geggeeffamuu quunnamtii ala taasisuun gochoota farra dhala namaa raawwachuu tooftaa godhatee jira.
Haala kanaanis Lixa Oromiyaa irraa yeroo dhiyootti quunnamtiin interneetii fi bilbilaa akka citu odeessi keessoo isaanii kan mul’isu yoo ta’u, baruma kana keessa Lixa Oromiyaa kana naannessanii dhiyeessii irraa kutuun rakkoo hawaasdinagdee hamaa keessa galchanii turan.
Bilxiginnaan tajaajila hawaasummaa akka meeshaa waraanaatti itti fayyadamaa kan jiru yoo ta’u, daandii, ibsaa, dhiyeessii qorichaa fi ogeessota hawaasa irraa kutee dararuun beekama.
Murni faashistii PP hawaasa nan bulcha jedhu akka qaama hidhatee jiruutti dararuun kan beekamu yoo ta’u, jalqaba bara 2020 irrattis baatii hedduuf quunnamtii interneetii fi bilbilaa baatii dheeraaf Lixa Oromiyaa irraa addatti kutee kan ture yoo ta’u, walakkeessa bara 2021 irraa eegalee hanga yeroo dhiyootti interneetii deebiseetti guutuutti tajaajila isaa addaan kutee ture.
Har’as quunnamtiin bilbilaa fi interneetii kun Lixa Oromiyaatti ga’aa fi qulqullina bifa hin qabneen naannoo magaalota aanaa jiraatanis dhaabbataa akka hin taane ni beekama.
Duula lolaa quunnamtii interneetii fi bilbilaa Oromoota Kaaba Shaggar kutee irratti banetti aansuun gara Lixa Oromiyaatti yeroo dhiyootti deebi’uun tajaajila kana irraa dhaabuuf akka jiran barameera.
Murni impaayerattii irra darbee gaanfa Afrikaa keessatti goolama siyaasaa dhalchee jiru kun tajaajila interneetii fi bilbila kutuun addunyaa irratti sadarkaa qabachuun beekama.
Akka Addis Standard Amajjii 2024 gabaasa Top10VPN wabeeffachuun barruu maxxansee turetti, bara 2023’tti kasaaraa dinagdee Itiyoophiyaan cufamuu intarneetii irraa argame tilmaamaan doolaara biiliyoona 1.9 akka ta’u ibsuun, dhiibbaa maallaqaa jeequmsa akkanaa irraan kan ka’e mudatuun akka addunyaatti sadarkaa lammaffaa irratti argamti.

