Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni faashistii PP hooggantootaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo bilbila quunnamtii fayyadamuun fuula dura kanatti haleellaa raawwachuuf karoora qabaachuun himame

ONM-ABO Hagayya 14, 2023

Murni maafi’aa PP xumura bara 2022 irraa qabuun xiyyaara waraanaa meesha maleeyyii fayyadamuun waraana bilisummaa Oromootu achi jira jechuun namoota nagaa hedduu haleellaa irratti raawwachuun lubbuu obbaasee gariinis madeessee jiraachuun ni beekama.

Karoora Hoggansaa fi WBO balleessuu qabatee jiru kan galmaan ga’achuu hin dandeenye murni bilxiginnaa, fuula dura kanatti kaayyoo isaanii milkeeffachuuf hojiitti galuun dhagaa’ameera.

Tooftaalee murni maafi’aa kun qabatee jiru keessaa tokko sarara quunnamtii bilbilaa hidhuun yoo ta’u, bilbila hoggansaa yookiin miseensota waraanaa hoggansa waliin jiranii fi bakka lola guddaatti argaman irratti mijeeffachuun haleellaa diroonii raawwachuuf akka ta’e barameera.

Kanaaf ammoo namoota odeeffanno wiirtuu to’annoo dirooniif laatan bobbaasuu fi caasaa hanga aanaatti qaban irraa bilbila Waraana Bilisummaa Oromoo akka funaannatan himameera.

Baatii gannaa kana sababa haalli qilleensaa hin mijanneef haleellaa diroonii raawwachuuf akka danqame kan nuuf himan maddeen, yeroo darbe baatii birraa Onkoloolessa 19, 2022 irraa qabuun tarkaanfii Oromiyaa keessatti haleellaa xiyyaara meesha maleeyyii fudhateen jumlaan uummata fixee turuun ni yaadatama.

Exit mobile version