Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni bilxiginnaa haleellaa xiyyaara waraanaa lixa Shaggar ona Cobii irratti raawwateen namootni 20 ol du’uun hedduunis madaa’an

Murni bilxiginnaa haleellaa xiyyaara waraanaa lixa Shaggar ona Cobii irratti raawwateen namootni 20 ol du’uun hedduunis madaa’an.

ONM-ABO Sadaasa 14,2022 Gareen abdii kutaan PP mo’atamuu waraana lafoon irra ga’aa jiru gara dabarsuu fi imala waraanni bilisummaa Oromoo gara handhuura Oromiyaa Finfinneetti gochaa jiru deggersa hawaasaa dhabsiisuuf bakka WBOn seene cufatti uummata nagaa irratti haleellaa raawwachuun miidhaa qaqqabsiisaa jira.

Akka kanaanis murni faashistii bilxiginnaa lubbuun dhala namaa isa hin mararre har’a Sadaasa 14, 2022 waaree booda godina lixa Shaggar ona Cobii magaalaa Cobii naannoo Addis Katamaa yookaan dhaaba doqdoqqee jedhamutti haleellaa xiyyaara waraanaa meeshaa maleeyyii diroonii jedhamu fayyadamuun raawwateen lubbuun namoota nagaa 20 ol darbuun namootni hedduunis madaa’anii jiru.

Haleellaa murni bilxiginnaa boombii samii gadi darbachuun lammiilee isaa irratti miidhaa lubbuu fi qaamaa geggeesse kanas namootni sodaa waraana bilxiginnaaf jecha du’aa isaanii gadi ba’anii awwaallachuu fi warreen madaa’an wal’aannachuuf danqamanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himaniiru.
Murni bilxiginnaa hawaasicha bakka bu’ummaa seeraa fudhadheen bulchaa jira jedhee addunyaa ittiin goyomsuu, isaanuma maddi aangoo jedhaniin deebisanii foonii fi lafee isaanii meeshaa ammayyaan guggubaa jiru.
Faashistootni kun baatii darbe Onkololeessa 23, 2022 achuma aanaa Cobii ganda Bakkee Oofuu keessatti haleellaa xiyyaara waraanaa geggeessaaniin namootni 100 ol lubbuun darbuu fi madaa’uun ni yaadatama.

Exit mobile version