Lixa Shaggar aanaa Daannootti murni bilxiginnaa haleellaa xiyyaara waraanaa fudhate.
ONM-ABO Sadaasa 6, 2022 Murni abdii kutataan bilxiginnaa tarkaanfii laalessaa gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo irratti fudhatee wiirtuu dugdaa isaa kutaa jirutti baaraguun Oromiyaa bakkoota adda addaa keessatti lammiilee nagaa xiyyaara waraanaan haleelaa jira.
Akka kanaanis kaleessa Sadaasa 5, 2022 toora sa’a 7:00 irratti Lixa Shaggar ona Daannoo ganda Dirree Daannoo bakka addaa Qaallee jedhamutti xiyyaara waraanaa nama maleeyyii diroonii jedhamu fayyadamuun boombii samii gadi darbateen qabeenya namootaa irraan miidhaa qaqqabsiiseera.
Haleellaa kun kan raawwate erga abdiin sabaa WBOn ganama kaleessaa tarkaanfii laalessaa ona Daannoo magaalaa Ayyaaruu irratti fudhatee humna waraana bilxiginnaa mooraa keessaa buqqisee gara magaalaa aanaa Daannoo Sayyootti galcheen booda kan fudhatamee dha.
Murni faashistii Abiy Ahimed lola lafoon WBO dadhabee uummata nagaa waraanni bilisummaa Oromoo maaliif isin keessa darbe jedhuun yakka isaan hin dalagnetti xiyyaara waraanaan qe’een isaanii akka manca’uu taasisee jira.
Haleellaa kanaan miidhaa qabeenya irratti qaqqabe malee namni miidhame hin jiru.
Murni bilxiginnaa humna qilleensaa fayyadamuun haleellaa bifa haaraan Onkololeessa 19, 2022 Meettaa Walqixxee irratti eegalee kaasee hanga ammaatti ilmaan Oromoo 196 ol du’uu fi 200 ol mada’anii jiru.
Miidhaa guddaan qaqqabuun du’i olaanaan keessatti kan galmaa’e aanaa lixa Shaggar Cobii fi lixa Wallaggaa Boojjii Birmajjii ta’uun ni beekama.

