WBOn ganama kana tarkaanfii lixa Shaggar aanaa Iluu Galaan keessatti fudhateen diina ajjeesuun dishqaa dabalatee meeshaalee waraanaa biroo hiikkate.
ONM-ABO Sadaasa 5, 2022 Abdii fi gaaddisni saba Oromoo WBOn tarkaanfii guggubduu waraana bilxiginnaa irratti fudhatu itti fufuun diina du’aa fi madoon adabee meeshaalee waraanaa gurguddaa murni bilxiginnaa kadhate argate irraa hiikaa jira.
Diigaan tulluu gabrummaa qaqqaaliiwwan ilmaan sabaa WBOn har’a ganama Sadaasa 5,2022 godina lixa shaggar ona Iluu Galaan ganda Abaqoo Haannoo jedhamu keessatti tarkaanfii laalessaa waraana bilxiginnaa irratti fudhateen 25 battalatti irraa ajjeesee 48 madeessuun 5 jiraa harkaan qabeera.
Tarkaanfii guggubduu WBOn fudhatee kanaan dugda diinaa irraa meeshaalee waraanaa adda addaa dishqaa 1, qawwee AKM 20, rasaasa AKM fi bireenaa, jorooroo fi raadiyoo call 1 irraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Lola kanaan waraanni faashistii Abiy Ahimed magaalaa Ijaajjiitti baqachuun madoo isaanii hospitaalatti yaalchisaa jiru.
Urjiiwwan sabaa WBO tarkaanfii isaa fuulduratti gochuun har’uma ganama godinuma Lixa Shaggar aanaa Daannoo keessattis haleellaa laalessaa waraana bilxiginnaa irratti fudhachaa jira.
Guutuu gabaasa tarkaanfii ona Daannoo akkaataa lolli xumurameen isiniif dhiyeessina.
Injifannoon Uummata Oromoof!

