Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

WBOn baha Wallaggaa ona Eebantuu keessatti tarkaanfii fudhateen dishqaa dabalatee meeshaalee waraanaa garaagaraa hiikkate!

WBOn baha Wallaggaa ona Eebantuu keessatti tarkaanfii fudhateen dishqaa dabalatee meeshaalee waraanaa garaagaraa hiikkate!

ONM-ABO Sadaasa 26, 2022 Qaqqaaliiwwan ilmaan sabaa WBOn waraana bilxiginnaa godina baha Wallaggaa aanaa Eebantuu keessa buufatanii ilmaan Oromoo dararaa turan irratti tarkaanfii fudhateen du’aa fi madoon adabee meeshaalee waraanaa gurguddaa irraa hiikee jira.

Lola ganama har’aa Sadaasa 26, 2022 magaalaa Eebantuu keessatti WBOn mooraa waraana bilxiginnaa 4 irratti fudhatee keessaa buqqisuun magaalicha dhuunfateen humna diinaa irraa meeshaalee waraanaa dishqaa 1, bireena 2, qawwee AKM hedduu fi boombii harkaa 50 ol hidhannoo guutuu waliin hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.

Lola kanaan loltootni bilxiginnaa 75 yoo ajjeefaman 138 madaa’uun loltootni 13 harkaan qabee jira.

Tarkaanfiin onoota keessaa waraana faashistii Abiy Ahimed buqqisuu itti fufa!

Injifannoon uummata Oromoof!

Exit mobile version