Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar ona Fantaallee keessatti manneen abbootii Gadaa Michillee hidhattoota murna maafi’aa PPn ibiddaan gubachuun barbaada’ee

ONM-ABO 17, 2024

Sirni abbootii Gadaa julmaan bakka tokkotti fixe ammaas irra deebiin manneen isaanii gubuun osoo ijaarratanii qabanii akkasuma oomishatanii jiranii manaa ala gochuun bakkeetti hambisuun harka namaa akka ilaalan gocha jiru.

Amajji 24, 2024 baha Shaggar ona Fantaallee ganda Haroo Qarsaa keessatti hidhattootni gubaatiif bobbaafaman kunneen mana uummata saddeetii ibiddaan gubuun barbadeessani jiru.

Namonni manni isaanii jalaa gubate kunneen mi’a mana keessaa tokkollee osoo hin baafatin kan jalaa gubanii barbaadeessan yoo ta’u yeroo ammaas jiruu bakkee fi harka namaa ilaaluf kan dirqamanii jiran ta’uus ibsaniiru.

Namoonni aanicha keessatti adda durummaan gochoota jibbisiisoo kana hawaasa nagaa irratti raawwachiisan kunneen bulchaa Ona Fantaallee nama Boruu Juffaa fi itti gaafatamaa waajjira nageenyaa ona Fantaallee nama Addaggoo jedhamuudhas jedhan.

Exit mobile version