Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti mancaatii lubbuu namootaa fi qabeenyaa irraan ga’aa jiru akkasumas hidhaa dabalatee murni PP dararaa ulfaataa raawwachaa jira jedhu maddeen

ONM-ABO Amajjii 19, 2024

Gareen badiisaaf wal ijaaree aangoo impaayera itoophiyaa dhuunfachuun lammiilee hiraarsaa jiru Bilxiginnaan, Baha Shaggar aanaa Fantaallee gandoota akka Bantii fi Qobbo’oo jedhamu keessatti uummata Oromoo horsiisee bulaa naannoo Affaariin wal daangessan kanneen yeroo dheeraatiif Affaar waliin wal waraanaa turan irraa meeshaa hiikuudhaan harka duwwaatti erga hambisaniin booda saboota Affaariin irratti kakasuudhaan rakkoo hamtuuf saaxilaa turuun ni beekama.

Yeroo ammaas murni Kun uummata hongee Bonaatiin dararamee waan qabuuf dhiisu wallaalaa jiru, maqaa isin waraana bilisummaa Oromoo deggertu, ni nyaachiftu fi miseensota isaaniitii jedhuun qabeenyaa isaanii saamaa, ibiddaan gubee barbadeessaa akkasumas lubbuu namaa akka malee balleessuun, jumlaan mana hidhaatti naqee dararaa jira jedhu maddeen.

Ilmaan Oromoo baay’inni isaanii 860 ta’u, maqaa waraana bilisummaa Oromootiin yakkamuun aanaa Fantaallee keessaa humna waraana PPn ukkaamfanii gidiraa argaa kan jiran yoo ta’u, namootni Kun Amajjii 12, 2024 Irraa kaasee hanga Amajjii 17, 2024 tti nyaataaf dhugaatii tokko Malee mana hidhaa keessatti rakkoo ulfaataa dhamdhamaa jiraachuu maddeen ONMtti himan.

Namootni aanicha keessatti hawaasa dararaa jiran kunneen ajajaa Poolisii aanichaa Komaander Tamasgeen jedhamuu fi kaabinoota gandaa Mohaammed Kuulaa bulchaa ganda Bantii, Alii Mulluu Dhaddachoo, Huseen Abdii, Haamadoo Sa’idoo, Muusaa Duubee, Daadhii Ilmaan, Umar Mohaammed Hamburoo, Mohaammed Bultum bulchaa ganda Qobbo’oo, Sa’idoo Waawoo bulchaa ganda Faatee Leedii ta’uu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version