ONM-ABO Guraandhala 16, 2024
Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti uummanni aanichaa uummata karaa daangaa Affaarii fi Amaaraan wal daangeessan yoo ta’u baroota dheeraaf roorroo karaa daangaa kana irraa isaanitti dhufu meeshaa isaaniin of irraa ittisuun jiraachaa turan.
Waggoota murni bilxiginnaa aangoo impaayerattii kanatti dhufee kaasee garuu meeshaan isaanii irraa guuramuun hidhattootni naannoo Affaarii fi Amaaraa mancaatii lubbuu fi qabeenyaa dabalatee buqqqaatii hamaaf uummaticha saaxilanii jiru.
Haaluma kanaan dheengadda gaafa Guraandhala 14, 2024 ganda Bantii iddoo jedhamuun waamamutti loltoota Affaariin dhukaasa hawaasa nagaa irratti banameen lubbuun nama tokkoo darbuu jiraattotni bakkichaa ONMtti himaniiru.
Dhukaasa hidhattootni naannoo Affaar hawaasa nagaa irratti banan kanaanis namni Alii Doobaa Dhayitaa jedhamu ajjeefamuus jiraattotni dabaluun ibsuun hidhattootni kunneen yeroo irraa gara yerootti loo’anii dhufuun kan hawaasa miidhaa jiranii fi hawaasni guddoo yaadda’uu dabaluun ibsaniiru.

