Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattootni naannoo Affaar daangaa Oromiyaa seenanii loon Hawaasa Oromoo ooffachuun dhaga’aame

ONM-ABO Onkoloolessa 18, 2023

Daangaan Oromiyaa saboota ollaa isaanii jiraniin cabuun uummanni Oromoo qe’eetiif qabeenyaan isaa saamamuun cinatti gareen murna bilxiginnaan ijaaraman ajjeechaa nurratti raawwatu jechuun hawaasni Oromoo irra deddeebiin dubbatu.

Haaluma kanaan dheengadda Onkoloolessa 16, 2023 godina baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Haroolee bakka addaa  laga Bantii jedhamu keessatti hidhattootni naannoo Affaar daangaa Oromiyaa cabsanii seenan waraana raayyaa ittisa Impaayera Itoophiyaa waliin wal tumsuun loon baay’inni isaanii 32 ta’aan maatii tokko jalaa akka saamanii deeman   jiraattotni aanaa Fantaallee himan.

Hidhattootni daangaa seenuun loon obbo Waaqoo Aroo ooffachuu kan himan maddeen, namootni ollaa qabeenyaa obbo waaqoo baraaruuf yeroo deemanitti waraanni raayyaa ittisa Impaayera Itoophiyaa dhukaasa hawaasa duula saamicha qabeenyaa isaanii irratti deemsifamuu of irraa qolachuuf ba’aan irratti bananiin qawwee AKM Sadii uummata irraa akka hiikanis barameera.

Oromummaa cabsuuf kan xiyyeeffatan murnootni bilxiginnaa namoota maqaan isaanii Huseen Dhaddoolee, Alii Hayimad fi Jawwi Wadaay jedhaman hidhattoota naannoo Affaar irraa dhufan loluu hin qabdan jechuunis humni murna maafi’aa bilxiginnaa meeshaa akka irraa hiikanis ifoomeera.

Exit mobile version