ONM-ABO Sadaasa 14, 2023
Daangaan Oromiyaa humnoota mootummaa abbaa irree Koloneel Abiy Ahimediin hidhachiifamaniin uummanni Oromoo Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon ajjeefamaa bakkeewwan birootti ammoo karaa daangaa naannoo Affaar hidhattoota naannoo Affaariin qabeenyaan saamamaa fi lubbuun aarsaan itti kaffalamaa jira.
Haaluma kanaanis Sadaasa 11, 2023 lixa Harargee aanaa Gumbii Bordoddee araddaa Biyyoo jedhamu keessatti hidhattoonni naannoo Affaar irraa daangaa Oromiyaa cabsuun seenan loon hawaasa Oromoo baay’inaan 40 ta’an Kan saamanii fi loon sadii rasaasaan akka ajjeesan jiraattonni himaniiru.
Lolli Kun hawaasa nagaa irratti yeroo dheeraaf Kan geggeefame yoo ta’u, Aliyyii Abdullee Kan jedhamus battalumatti hidhattoota kanaan Kan ajjeefamee fi Ahimed Naasiroo fi Jamaal Addaa’oo rasaasaa hidhattootaa kanaan mada’uun namni tokkos Kan maqaan nu hin geenye guyyuma sana madaa’uu ibsan.

