ONM-ABO Guraandhala 13, 2024
Erga koloneel Abiy Ahimed gara aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee uummanni Oromoo sabaaf sablammoota Oromiyaa daangessanii jiraniin ajjeechaa lubbuu dabalatee mancaatiin qabeenyaa qonnaan bultoota Oromoo irratti raawwatamaa jira.
Guraandhala 8, 2024 baha Shaggar aanaa Boosat ganda Borcataa iddoo addaa Bargaggee jedhamutti finxaaleyyiin Amaaraa daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun qabeenya hawaasaa saamanii deemuu jiraattotni ONMtti himan.
Namoonni loowwan isaanii jalaa saamame hedduu ta’ullee isaan keessaa kan maqaa arganne Buttaa Daduu 12, Bulaa Badhaasoo 40, Jiloo Xajjoo 48, Jaarraa Bulgaa 22, Boruu Tuqaalee 30, Wadoo Halkoo, Waqayyoo Roobee fi Halloo Roobaa 11 yoo ta’u, walumaagalatti loowwan hawaasaa 219 saamamu jiraattotni Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.
Bahuma Shaggar ona Fantallee ganda Qobboo keessattis murni mootummaa ofiin jedhan PP’n uummata roorroon kallattii meeqaan itti jiru, meeshaa isaan miidhaa daangaa olloota irraa itti adeemaa jiru kana ofirraa ittisuuf dhuunfaan bitatan qawwee kilaashii sadii irraa hiikuun gaafa Guraandhala 9, 2024 dhukaasa itti banuun uummata goolaa turuu maddeen dabaluun ibsaniru.
Murna Bilxiginnaa dabalatee karaa daangaa irraan uummanni Oromoo waggoota jahan darbanii kaasee ajjeechaa lubbuu dabalatee mancaatiin qabeenyaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun, hawaasni hedduunis qabeenyaa isaanii jala ta’aanii akkasuma lubbuun kuma hedduu itti badeera itti badaa jiras.

