ONM-ABO Guraandhala 16, 2024
Oromiyaa dirree saamtotaa kan godhatan kaabinoonnii fi waraanni murna bilxiginnaan hawaasa keessa faca’aanii jiran saamicha maqaa WBO itti maxxansuun saamaniin alatti uummatichi xaa’oo fudhatee akka itti waqtii isaa eeggatee hin fayyadamneef jecha uummatatti gurguruu irra gatii qaaliin gabaatti baasanii gurguraa akka jiran ibsan.
Baha Shaggar aanaa Boosat gandoota akka Doonii Qoombe, Siifaa Battee, Nuuraa Haasee, Bosee Dachee fi Qaawwa Haraa keessatti xaa’oo uummataaf dhufe kaabinoonni aanichaa uummatatti gurguruu dhiisun gabaa irratti baasanii qarshii 7500niin gurgurachaa jiraachuu heeran.
Akka jiraattotni gandoota kanneenii jedhanitti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin jirtu jedhuun nu miidhaa jiru jechuun, karaa tokkoon qabeenya horanne saamamaa fi karaa biraan ammoo akka uummanni callaa hin facafanne gochuun sabicha balleessuuf karoora isaaniitis jedhan.
Akkasuma ganda Siifaa Battee keessatti gaafa Guraandhala 9, 2024 hidhattootni sirnichaa qabeenya hawaasaa manneen 19 gubuun uummata bakkeetti ari’anii yoo jiran re’oota fi hoolota hawaasaa qalatanii nyaachuun uummata harka duwwaatti hambisuus dabaluun ifoomsaniiru.

