Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Fantaallee daangaa Affaar waliin qaban irratti walitti bu’iinsa sabaa Affaarii fi Oromoo gidduutti uumameen ilmaan Oromoo lama ajjeefamuun lamas madaa’an

ONM-ABO Fulbaana 12, 2024

Siyaasa isaaniif akka tolutti ilmaan Oromoo irratti karaalee isaaniif danda’ameen murni bilxiginnaa ajjeechaa ofii irratti raawwachuu bira darbee, sabaaf sab-lammoota naannoolee Oromiyaa jiran keessattuu kanneen karaa daangaa irratti kakasuun lubbuu obbaasuu fi qabeenya mancaasuu jabeessanii irratti hojjechaa jiru.

Murni maqaa mootummaan aangoo irra jiruu fi impaayerattiin bulchaan jira jedhu ilmaan Oromootti waraana isaa ajjeesuu fi balleessuun beekamu bobbaasuun guyyuu lubbuu namootaa balleessaa oola.

Haaluma kanaan gareen saboota walitti buusee gadaa aangoo isaa dheereffachuuf hojjetu PP’n godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Bantii jedhamu keessatti  Fulbaana 10, 2024 saboota baroota dheeraaf waliin jiraachaa turan uummata Oromoo fi Affaar sababa daangaan walitti buusuun lubbuun ilmaan Oromoo lamaa darbuu fi lama madaa’anii jiraachuu jiraattotni himan.

Namoonni shira murna bilxiginnaan du’an kunneenis Adam Seyid Dhaddachoo fi Huseen Raaree Dhayitaa yoo ta’an kanneen lola kana irratti madaa’anii mana yaalaatti argaman ammoo maqaan isaanii Abdii Waariyoo Asaboot fi Lissaa Nuuree Lissaa kan jedhaman ta’uu jiraattotni dabaluun himaniiru.

Akkasumas gandichuma keessaa Gaalli baayinni isaa 250 ta’an hawaasa nagaa jalaa saamamuun hawaasa harka duwwaatti hambisuun beekamee jira.

Exit mobile version