Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa walitti bu’iinsa saba Oromoo fi Affaar gidduutti karaa daangaa Fantaalleen hojjechaa jiruun lubbuun Oromoo darbuu fi qabeenyi saamamuun barame

ONM-ABO Guraandhala 5, 2025 

Godina Baha Shaggar aanaa Fantaallee daangaa naannoo Affaariin wal-qabatu humni addaa naannoo Affaar   Guraandhala 2, 2025 naannoo Oromiyaa seenuun Oromoota Karrayyuu aanaa Fantaallee keessa jiran jalaa gaala 129 fudhachuun namoota 2 ajjeesanii deeman. Gocha akkasii kana irra deddeebiin uummatni lachuu akka nagaan walii wajjin hin jiraanneef Bilxiginnaan akka aangootti dhufeen hojii kan eegale yoo ta’u, uummatni naannoo sana jiran ajjeefamaa fi saamamaa oolu. 

Naannoodhuma sanatti uummata Oromoo Karrayyuun kan wal daangessu uummatni Argabboos daangaa darbee miidhaa uummata Oromoo Karrayyuu irratti qaqqabsiisaa jiraachuun barameera. 

Paartiin dhuunfaa Abiy Ahimed Bilxiginnaan uummata Oromoo cabsuuf kallattii adda addaan deemuu itti fufuun kan saboota biroo waliin uummata Oromoo Karrayyuu walitti buusuuf hojjechaa jiruun cinaatti ilmaan Oromoo aanaa Fantaallee keessa jiran Ituu fi Karrayyuu jechuun adda qoodee walitti buusuuf hojjechaa jiraachuun barameera.

Gocha kanas Bilxiginnaan jaarrolee gosoota Ituu fi Karrayyuu 18 mooraa waraanaa Awwaash Arbaatti torban 3’f hidhuun achitti qoodanii jibbiinsa as irratti kaasuun hin malle hubachiisuu fi mariisisuun akka ilmaan abbaa tokkoo jibbiinsaa fi haaloo kuufachuun akka walitti qophaa’an gochaa jiraachuun saaxilameera.

Uummatni Oromoo keessaa fi alatti shira Bilxiginnaa kana hubatee gocha kana dura dhaabbachuun uummata keenya hubachiisuu qaba kan jedhan ilmaan Oromoo aanaa Fantaallee ti.

Exit mobile version