ONM-ABO Muddee 27, 2025
Naannoo Affaar daangaa Oromiyaa cinaatti argamu keessaa murni Bilxiginnaa Shira dalageen ilmaan Oromoo 200 ol manneen isaanii irraa buqqaafamuu jiraattonni buqqaafaman Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.
Uummanni Oromoo bakka naannoo Affaar waliin wal daangessu keessatti miira obbolummaa waliif qabaachuun jiraachaa turuun isaanii kan beekamu ta’us, guyyoota as dhiyoo kanatti daba murni Bilxiginnaa saboota Affaar namoota murtaa’e kittillayyoo godhatee akka warra kaan jibbiinsa Oromoof qaban kakaasan gochaa jiraniin rakkoon dhalatee jira.
Akkaatuma kanaan Kamisaa dheengaddaa Muddee 25, 2025 toora sa’aatii 6:00 irratti uummanni Affaar gandoota kanneen akka Garsaa, Dabinee, Waasaroo, Qarsaa fi bakkeewwan biroo uummata Oromoo waliin jiraachaa turan caasaaleen gandichaa uummata keenya keessaa ba’aa jechuun yoo xiqqaate abbootoon warraa manneen 200 ol keessaa akka buqqaafaman ragaan buqqaatota irraa arganne ni ibsa.
Madda rakkoo kanaa ONM gaafachaa kan ture yoo ta’u, ka’umsi buqqaatii namoota murtaa’e kan Bilxiginnaan gowwoomsee wal dhibdee uumuuf dhimma itti ba’e yoo ta’u, innis uummanni Affaar bosona Paarkii Awaash kan aanaa Fantaallee bakka addaa Summaatti argamu ciranii akka cilee isaa gurguratan taasisuudha. Murni murtaa’e kana kan hojjechiisan Affaar irraa kanneen akka Andaalaa Mahaammad Alii fi Sayid Mahaammad Wadoo namoota erguun bosonicha ciranii osoo gubanii WBO’n to’achuun gocha kanatti akka hin deebineef barsiisuun qabiinsa gaarii godheefii gara qe’ee isaaniitti namni tokko osoo hin hafin akka galan jiraattonni gandichaa gaafanne kan himan yoo ta’u, haala kana micciiruuf nama tokkotu nu jalaa hafe jechuun nama to’atamee hin turre hojjechiisaa kan ta’e olitti kan eerame maqaa dha’uun ajandaa kijibaa uumuun holola dharaa gosa Affaar lamaan keessaa tokkotti hasaasuun jibbiinsa uummata Oromoof qaban akka mul’isaniif bakkicharraa buqqisaniiru.
Gocha kana hojii kiyya jedhee uummata Oromoo fi Affaar walitti buusuuf yaalaa kan jiru murna Bilxiginnaa ergamtoota Abiyyiin durfamu karaa jaleewwan isaanii kanneen akka Mahaammad Kulaa (Asaboot) Shira Bilxiginnaa fudhatee irratti hojjechaa akka jiru jiraattonni naannoo sanii addeessaniiru.

