ONM-ABO Hagayya 4, 2025
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiille Dhummuuggaa gammoojjii bakka Gumaaddaa jedhamutti Hagayya 3, 2025 shiftoonni naannoo Affaar riphanii qe’eetti ba’uun dhukaasa namoota nagaa irratti bananiin jiraataa ganda Baalcii abbaa Abbaa Duulaa Laga Ifaat kan ta’an jaarsa umriin 50 olii maqaan isaanii Obbo Arbiyyee Abdalluu jedhaman rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu maddeen dabaluun ifoomsan.
Akka jiraattotni naannichaa ONM dubbise jedhanitti, Obbo Arbiyyeen ganda Baalcii irraa loon isaanii godaansisuun iddoo Gumaaddaa jedhamutti galanii osoo loon isaaniif moonaa ijaaraa jiranii shiftoonni Affaar akka saree duubaan nama nyaatan kun riphanii dhukaasa irratti banuun ajjeesanii reeffa bakkeetti gatanii deemuun gabaafameera.
Aanichatti kaabinoonni sirnichaa uummata Affaar warra shira Bilxiginnatti amananiin walii galuun Adoolessa 1 fi 2, 2025 itti fufiinsaan ganda Funyaan Danbii jedhamutti hawaasa dirqiin walga’ii baasanii namoonni ganna kanaan loon gara daangaa Affaar gammoojjiitti godaansisuu barbaaddan Affaariin walitti buutu waan ta’eef meeshaa keessan lafa kaa’aa godaanaa, namni meeshaa isaa qabatee godaanee argame tarkaanfiin seera kabachiisaa qaamota nageenyaa keenyaan irratti ni fudhatama jedhanii akka uummanni meeshaa isaa lafa kaa’ee godaanu erga taasisaniin, wayita uummanni aanichaa harka duwwaa godaanan shiftootni Affaar kun maanguddoo kana riphanii ajjeesuun ibsameera.
Dabalataan kaabinoonni murna Bilxiginnaa kun aanichattti walga’ii irra deddeebiin hawaasa dirqiin baasanii doorsisaa jiraniin, uummata aanichaan nageenyi naannichaa tasgabbaa’aa waan hin taaneef dursa waliin taanee nagaa kabachiifna, erga sanii lafa keessan qotattu, hanga naannichi tasggabbaa’utti qonni isin qotattan hin jiru, namni kamuu ammoo biyya isaa eeguuf dirqama itti qaba jedhanii hawaasa fedhii malee humnaan WBO’tti duulchisuuf dararaa jiraachuu jiraattotni aanaa Jiille Dhummuggaa Arraata Biyyolessa Oromiyaatti himaniiru.
