ONM-ABO Adoolessa 26, 2024
Uummatni Oromoo Walloo eenyummaa isaa akka hin himannee fi lafa isaa irra hin jiraanne dhabamsiisuuf halkanii guyyaa kan dhama’an hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamanii meeshaalee adda addaa hidhachiifamanii fi shiftoonni Affaar daangaa ce’uun riphanii daandii fi qe’ee hawaasaa dhaquun ajjeechaa suukkanneessaa namoota nagaa irratti raawwatan jabeessanii itti fufaniiru.
Akkuma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Baatee ganda Shari’aa keessatti Adoolessa 23, 2024 shiftoonni Affaar wal gurmeessanii dhufuun dhukaasa hawaasa nagaa irratti bananiin dargaggoo Husseen Abduu jedhamu ajjeesuun qabeenyaa jiraattotaa saamuu fi mancaasuu isaanii maddeen keenya gamasii ibsaniiru.
Akka jiraataan aanaa Baatee tokko ONM’tti himetti, dargaggoon Huseen Abduu yeroo darbes abbaa isaa Abduu Sa’id fi obboleessa isaa angafaa shiftoonni Affaar kun iddoo tokkotti ajjeesuu himuun, maatiin namoota kanneenii yeroo ammaa gadda guddaa keessa jiraachuu dabaluun addeessaniiru.

