ONM-ABO Guraandhala 23, 2024
Murni bilxiginnaa impaayera Itoophiyaa keessatti aadaa, safuu, amantaa fi ilaalcha gaarii hawaasni Oromoo qabu ija tuffiin ilaaluun, abboota amantaa adda addaa kan sabaan Oromoo ta’aan sababa Oromummaa qofaan ajjeesuu fi hidhee dararuun cinatti manneen amantaa hedduus gubuu jabeessee jira.
Ajjeechaan uummata nagaa irratti geggeefamaa jiru jabaatee itti fufuun gaafa guraandhala 20, 2024 namoota maqaan isaanii Fantaallee Daadhii fi Bulgee Elemoo kan jedhamanii akkasuma nama lama kan maqaa hin argatiin ammoo mana hidhaa irraa baasanii ganda Dheebitii bakka Haroo Huubaa jedhamutti yoo ajjeesan, nama Ballaa Boruu Hawaas jedhamu ammoo rasaasan rukkutani madeessan,
akkasumas gaafa Guraandhala 22/2024 nama sammuun fayyaa hin qabne kan maqaan isaa Adam Wadaay Bulaa jedhamu ajjeesuu jiraattotni ONMtti himaniiru.
Aanuma Fantaallee ganda Haroo Qarsaa bakka addaa Haroo Obaa jedhamutti Guraandhala 19 fi 20 galma amantaa Waaqeffannaa maqaa galma Abbaa Baalchaan beekamu ibiddaan gubanii barbadeessuun manneen jiraattotaa hedduus gubuun himame.
Akka heera impaayera Itoophiyaa irratti barreeffamaan jiruutti amantaa fi siyaasni falaasama garaagaraa akka ta’eetti kan himamu ta’ullee, taateen dhugaan lafa irratti mul’atu faallaa ta’uun, Koloneel Abiy Ahimed abboota Gadaa ajjeesee waraana bilisummaa Oromoo maqaa balleessuuf akka yaalaa ture, yeroo ammaas siyaasa xixiqqoo of harkaa qabuun manneen amantaa gubuu fi abboota amantaa ajjeesuu irratti fuulleeffatee akka jiru beekameera.

