• Fri. Mar 13th, 2026

Waraannii fi kaabinootni  murna bilxiginnaa  bulchiinsa magaalaa Shaashamannee keessatti uummata dararuu itti fufe

Nov 21, 2022

Waraannii fi kaabinootni  murna bilxiginnaa  bulchiinsa magaalaa Shaashamannee keessatti uummata dararuu itti fufe.

ONM – ABO – Sadaasa 21, 2022

Waraannii fi kaabinootni  murna bilxigina godina Arsii Lixaa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee torbe darbe keessa  erga Waraanni Bilisummaa Oromoo Oromiyaa bakkoota hedduutti lola magaaltootaa  jalqabee muddama cimaa keessa galuun sochii bajajoota fi taaksii magaalaa keessaa uguruu fi maqaa sakatta’insaatiin saamicha hamaa konkoolaachiftootaa fi tajaajilamtoota irratti raawwachaa jiru

Sadaasa 15/2022 irraa eegaluun  ergamtootni murna bilxiginnaa kun  godina Arsii lixa bulchiinsa magaalaa Shaashamannee keessatti sochii bajajoota fi taaskii magaalaa keessaa bakkoota shakkii cimaa irraa qaban guutuumman kan uguraan yoo ta’uu iddoolee hafaniitti immoo pooliisoota fi milishoota magaalattii saammichaaf daandii irratti ramaduun imaltoota akkasumas konkoolachiftoota saamuun hawaasni dararaa argaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Akka Madden jedhanitti gandoota magaalattii  sabboonummaa qaban jedhanii yaadan   ganda 01 daandii Hawashootti geessuu fi ganda 02 xiyyeeffannoo adda itti keennuun guutuutti irraa ugguran jedhan.

Kana malees  guutummaa magaalattii keessatti halkaan mana sirree irraa deemuu waraaqaa eenyummaa ilaaluun ilmaan Oromoo  Lixaa fi kibba Oromiyaa  irraa hojii dhuunfaa isaaniif magaalattii  dhufan maqaa ati Waraana Bilisummaa Oromooti jedhu   itti maxxansuun saamichaa fi dararaa adda addaa erga irratti raawwatanii booda hidhaa jiraachuu himuun, yeroon kun murna bilxiginnaa biratti Oromummaan kaka ta’uu bira darbee godina dhalootaatti waan ce’eef haala ulfaataa kana tokkummaan dura dhaabbachuu qabna jechuun maddeen yaada isaanii goolabaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading