Godina Arsii Lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti kaabinoonni murna bilxiginnaa uummata waltajjiin doorsisaa jiraachuun dhagaa’ame.
ONM-ABO Hagayya 30, 2022 Murni bilxiginnaa uummata Oromoo irraa irraa abdii kutachuun bakka argetti ajjeesaa, hidhaa fi warreen hafan ammoo waltajjii waamuun doorsisaa oola.
Akka kanaanis dheengadda Hagayya 28, 2022 godina Arsii Lixaa magaalaa Shaashamannee ganda 04 keessatti uummata waltajjii baasuun miseensoota Waraana Bilisummaa Oromoo isin gidduu jiru baasaa jechuun uummatatti dhaadachaa turan.
Uummata magaalaa Shaashamannee ganda 04 kan doorsisaa turan keessaa adda durummmaan bulchiinsaa fi nageenya gandichaa obbo Aliyyii Hirphoo kan jedhamu yoo ta’u, namni tokko doorsisa waltajjii irratti raawwatuun cinaatti daandii irratti uummata nagaa reebuu, jaarsaa fi jaartiin salphisuun kan beekamuu dha.
Magaalicha keessa miseensootni waraana bilisumma Oromoo waldaalee amantii keessa jiru jechuun keessayuu sheekootaan isintu kadhata godhee mootummaan haa kufu jechaa jira jechuuniin namummaa xiqqeessaniinii doorsisaa jiraachuun maddeen himuun doorsisa amantiin wal qabatu daballoonni sirna bilxiginnaa geggeessaa jiru kanatti uummatni aaruu maddeen dabaluun ibsaniiru.

