Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni bilxiginnaa godina Arsii lixaa keessatti waraanaa fi kaabinota isaa bobbaasuun uummataan Waraana Bilisummaa Oromoo of keessaa baasaa jechuun doorsisuu itti fufan 

ONM-ABO Eebila 29, 2023

Murni faashistii barcuma aangoo isaaf Waraana Bilisummaa Oromoo akka gufuutti fudhatee balleessuuf hojjechaa jiru godina Arsii bahaa aanota garaagaraa keessatti waraanaa fi kaabinoota isaa bobbaasuun uummata nagaan isin deggertoota WBOti jechuun doorsisaa, manneen gubaa, qabeenya saamaa fi hidhaa jira.
Torbee kana qajeelfama bifa haaraan aanota godinichaa cufaaf waltajjii bulchiinsa magaalaa Shaashamannee irratti kennameen hawaasni ganda baadiyaa hanga magaalaatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi caasaa isaanii diiguu akkasumas dabarsee qaama waraana bilxiginnaatti  kennuu kallattii kaa’uun bobbaa’anii jiru.

Aanota akka Zuwaay Dugdaa, Xiyyoo, Shaashamannee, Martii fi Heexosaa keessatti sabboontotaan maqaa WBO gargaartuu fi hidhata qabdu jedhuun qabanii kan dararaa jiran yoo ta’u, namootni nagaan siyaasa keessaa hin qabne hedduunis ajjeefamaa jiraachuun barameera.

Godinicha keessatti uummata magaalaa dabalatee caasaa mana hojii mootummaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qaban jedhaman addatti baasnee tarkaanfii irratti fudhanna jechuun doorsisa geggeessaa jiraachuu kan himan maddeen caasaan waraanaa fi kaabineen sirnichaa uummata ba’aa fi gala dhorkachaa akka jiran himu.

Qarshii fi meeshaalee baatanii socho’uun WBO’f akka geeffamaa jirutti nama fudhachiisuun du’aaf akka nama saaxilu kan dubbatan maddeen gochi ajjeechaa kun torbanoota lamaan kana aanaa Martiitti hammaachuu dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version