Ilmaan Oromoo kibbaa fi kibba baha Oromiyaa irraa Oromummaa isaaniin yakkanii achi buutee dhabamsiisan mooraa Iizii kibbaatti hidhaa jiraachuun barame.
ONM – ABO – Sadaasa 1, 2022 Waraanni murna bilxiginnaa ilmaan Oromoo badii tokko malee qe’ee abbaa isaanii irraa qabe hidhuun dararaa, miidhaa qaamaa fi mana hidhaa baasanii achumatti ajjeesuun cinaatti halkan mana hidhaa baasuun manneen hidhaa maatiin argee hin gaafannetti hidhee dararaa jira. Akka kanaanis murni dararamuun uummata Oromoo isaaf gammachuu fi dheerina gadaa aangoo ta’ee itti mul’ate bilxiginnaan ilmaan Oromoo kibba Oromiyaa godina Booranaa fi Gujii akkasumas kibba baha Oromiyaa godina Arsii lamaanii fi Baalee lamaan irraa qabanii halkan manneen hidhaa godinoota kanneenii keessaa dhabamsiisan mooraa waraanaa Iizii kibbaa kan Arsii Lixaa aanaa Shaashamannee bakka Togaa yookiin Mooraa Irrimaa jedhamuun beekamutti hidhamanii dararamaa akka jiru.
Mooraa Iizii kibbaa aanaa Shaashamannee bakka Togaa jedhamutti argamu keessatti ilmaan Oromoo magaalaa Shaashamannee keessaa qabaman dabalatee bakka biroo irraa fidan keessatti reebaa, halkan baasanii ajjeesaa, nyaataan adabaa fi hojii humna hojjechiisaa akkasumas dargaggoota keessaa fuudhanii leenjii waraanummaaf ergaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa gabaasaniiru. Murni kufaatiitti deemaa jiru kun ilmaan Oromoo addatti lafa irraa balleessee baduuf hojjechaa waan jiruuf osoo inni saba keenya fudhatee hin badiin sabni keenya tokkummaan ka’ee faashistoota dhabamsiisuu qaba jechuun maddeen dabaluun ibsaniiru.

