Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Oromiyaa Lixa Harargee  magaalaa Ciroo keessatti caasaan nageenyaa Bilxiginnaa hidhamtoota mana hidhaatii baasuun achi buutee dhabamsiisaa jiraachuun barame 

ONM-ABO Adoolessa 17, 2023

Impaayera Itoophiyaa keessatti sirnoota dhufaa darbaan addatti dararaan ilmaan Oromoo irra ga’u ulfaataa kan ture, bara bulchiinsa Abiy Ahimed keessa dararaan ilmaan Oromoo irra ga’aa jiru kan sirnoota darbanii irra  dachaan kan caalu ta’uun beekamaadha.

Haaluma kanaan murna impaayera Itoophiyaa sirni nafxenyaa PP karaa danda’een uummata Oromoo cafaqee umrii aangoo isaa dheereffachuuf golee Oromiyaa hunda keessatti ilmaan Oromoo ajjeesaa, hidhaa, qe’ee isaa mancaasaa, qe’ee isaa irraa buqqisaa fi saamicha irratti raawwachuun dararaa kana hin jedhamne uummata oromoo irratti raawwachaa jira.

Murni faashistii PP uummata Oromoo dararuun waan aangoo irra turu itti fakkaatu, maqaa garaagaraa moggaasuun dararaa uummaticha irraan ga’u cinaatti, warreen badii malee mana hidhaatti naqee jiru ulee fi gowwomsaan gaafa dhugaa isaanii irraa sobaan dabsuu dadhabu achi buutee dhabamsiisuu akkasumas ajjeesuu akka gootummaatti ilaalee itti fayyadamuu itti fufee jira.

Haaluma kanaan Lixa  Hararagee Waajjira Poolisii Magaalaa Cirootti argamu keessaa ilmaan Oromoo baatii 8 ol badii malee hidhanii dararaa turan Adoolessa 14, 2023 halkan mana hidhaatii baasuun achi buutee dhabamsiisanii jiraachuu fi maatiin hidhamtootaa dhabanii barbaadaa jiru.

Namoota achi buuteen isaanii dhabamee maatiin barbaadaa jiran keessaa kan maqaa arganne; Kiimiyaa Jamaal Abdii, Saartuu Mohaammed Sulee, Fatiyaa kanneen jedhaman yoo ta’u, Saartuu Mohaammed Sulee barattuu koolleejjii akka taate odeessi achii nu qaqqabe ni addeessa.

Exit mobile version