ONM-ABO Caamsaa 25, 2024
Ergamtoonni sirna gabroomfataa bilxiginnaa Godina Baalee Lixaa aanaa Harannaa Bulluq keessatti hidhaa fi saamicha dabalatee ilmaan Oromoo ukkaamsanii adda waraanaatti guuruu hammeessan.
Bulchiinsi abbaa irree impaayera Itoophiyaa impaayerattiin lola karaalee addaa addaa irratti geggeefamaa jiru irraa dandamachuu dadhabdee harkatti diigamaa jirtu bilxiginnaan teessoo sirnoota gabroomfataa darbanii deebisee uummata irratti ittiin suphuuf ilmaan hiyyeessaa afaan qawween doorsisee ukkaamsuun dirree lolaatti ergee ficcisisiisuuf hojjechaa akka jiru ni beekama.
Haaluma kanaan guyyaa kaleessaa jechuun Caamsaa 24, 2024 godina Baalee Lixaa aanaa Harannaa Bulluq keessatti dargaggoota Oromoo humnaan qe’ee isaanii irraa qaban osoo maatiin duukkaa boo’uu konkolaataa lama guutuu adda waraanaatti fe’uu maddeen gabaasan.
Haa ta’u malee maatiin ijoollota kana lafa itti arganii deeffatan dhabuun boo’icha irra darbanii gaddaa fi naasuudhaan kan of wallaalan oggaa ta’u isaan keessaa namni ammaaf maqaa isaa dha’uun hin barbaachisne tokko ilma isaa baafachuuf wayita waajjira poolisii aanichaa dhaqu isa qabanii erga mana hidhaa keessa oolchanii qarshii 8,000 irraa fudhachuun akka gadhiisan odeessi miseensa poolisii aanichaa tokkorraa nu ga’e ni addeessa.

