Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baalee Lixaa Aanaa Harannaa Bulluq keessatti saamichaa fi hidhaa dabalatee dararaan murna PP’n uummata irratti jabaate

ONM-ABO Caamsaa 17, 2025 

Murni PP aanaa Harannaa Bulluq gandoota hedduu keessatti tibba kana dargaggoota umuriin isaanii 15 hin caalle humnaan qabee dirree waraanaatti erguu fi maqaa qawwee milishaaf binna jedhuun naga’ee tokko malee saamicha geggeessaa jiraachuu maddeen gabaasan.

Kana malees maqaa gibira waggaa jedhuun onicha keessatti konkolaachistoota Doqdoqqee fi Bajaajii irraa qarshii 1,000-2,000’tti afaan qawween saamaa kan jiranii fi kaabinoonni sirnichaa maqaa gibira kaffaluu diddan jedhuun abbootii qabeenyaa irratti dukkaanota cufsiiisaa jiraachuu jiraattonni ONM’tti himan.

Akkasumas, onoota godinichaa garaa garaatti kan bobbaafan jaleewwan murna PP kunneen uummata nagaan hojjetatee jiraatu kan tuttuqaa qaama siyaasa kamiirraayyuu walaba ta’e rakkoo akkaan ulfaataaf saaxilaa jiraachuu jiraattonni godinichaa itti dabaluun yaadaa isaanii ibsanii jiru.

Exit mobile version