Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baalee Lixaa aanaa Arannaa Bulluq keessatti uummatni waltajjii caasaa murna bilxiginnaan dararamaa jiraachuun barame

ONM-ABO Hagayya 9, 2023

Murni bilxiginnaa uummata Oromoo maqaa nageenya keessan eeggadhaa jedhuu fi qaamolee nageenya booressan jechuun waltajjii uummata waamanii hojii irraa dararuu Oromiyaa bakka cufatti itti fufanii jiru.

Akka kanaanis godina Baalee Lixaa aanaa Harannaa Bulluq keessatti uummata waltajjii waamuun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo kaasanii hadheessuun uummata hubachiisuuf yaalanis, uummatni harkaa fudhachuu kan dide yoo ta’e, sababa kanaanis uummata irra deddeebiin waltajjii waamuun waan isaan hin ilaallanneen rakkisaa akka jiran barameera.

Aanichuma ganda Hangeetuu keessattis dararaa jabaa kan geggeessaa jiran yoo ta’u, maqaa misooma qonnaa jedhuunis ooyiruu qonnaan bultootaa oomisha ga’aa hin qabne daawwachiisaa turan.

Murni bilxiginnaa rakkoolee hawaasni keessa jiru, sarbama mirga namaa fi qaala’iinsa jireenyaaf furmaata kaa’uu irra faayidaa siyaasa isaaf waan ta’u jedhu hawaasa irratti raawwachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version