ONM-ABO Waxabajjii 20, 2025
Murni abdii kutannaa ulfaataan guutame Bilxiginnaan bulchiinsa gaarii ijaaree sabaa fi sablammoota waliin nagaaf jaalalaan jiraachuu irra, jiruu fi jireenya isaa guutuu ajandaa badii qabatee guyyuu kan hojjetu, milishootaa fi waraana sirna dhableeyyii ijaaree jeequmsa uumuun dararaa ulfaataa ilmaan Oromoo irratti raawwatee raawwachiisaa jira.
Haaluma kanaanis aanaa Sinaanaa ganda Amalammaa Garmaamootti sochiiwwan doorsisaa fi saamichaa jaleewwan Bilxiginnaan jiraattota nagaa irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, Waxabajjii 15, 2025 gandatti jiraattota waltajjii waamuun nageenya naannoo tiksuuf namni kamuu waraanatti dabalamuu qaba, kanaaf of-qopheessaa fi eenyumtuu ilaalchi qaamolee siyaasaa biroo keessatti mul’annaan ni ajjeefama maqaa jedhuun gidirsaa akka jiranis dabaluun dubbatu.
Kaayyoo fi akeekni waltajjii godinaalee Baalee lamaanitti irra deddeebiin adeemsifamaa jirus hololaa fi dibbee waraanaa dhaanuu akka ta’es kan himan jiraattonni, humnoonni waraanaa WBO, TDF, Faannoo fi Shaabiyaa wal-ta’uun diigumsa impaayerattii irratti fuulleffatanii jiru, kanaaf isin dursitanii dirree waraanaa deemuun biyyaaf loluu qabduu fi kanneen biroon uummata shororkeessaa akka jiranis dabaluun jiraattonni ONM’f eeraniiru.

