Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Yuubdoo irraa hidhaan loltoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Waxabajjii 11, 2025 

Jaleewwan Bilxiginnaa maqaa sobaa hawaasni keessa hin jirreen hadheessanii “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun hojii idilee isaanii irraa ukkaamsuun hidhaatti darbatanii dararaa ulfaataa irratti raawwachuu itti fufanii jiru. 

Aanaa Yuubdoo ganda Alakuu Doggomaa bakka addaa Qacoosii jedhamu irraa Waxabajjii 3, 2025 loltoonni Bilxiginnaa humnaan hawaasa Oromoo cafaqanii bulchuuf dhama’an, dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Boonaa Mokonnon, 
  2. Hinseenee Cannaaluu,
  3. Qabbannaa Kumarraa fi 
  4. Daannoo Mokonnon

jedhaman badii tokko malee ukkaamsanii hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Namoonni kunneen badii isaan hiisisu kan hin qabnee fi maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkamanii kan hidhaman yoo ta’an, akkuma aanichaatti dararaan lukkeelee Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun ibsamee jira.

Exit mobile version