ONM-ABO Bitootessa 26, 2024
Uummata nagaa saamuu, hidhuu, ajjeesuu fi qabeenya isaa barbadeessuun Akka waan jabina isaa ibsuutti kan fudhatu bilxiqinnaan afaan qawween gabroomsuu irra darbee, Yeroo ammaa kanatti immoo hiyyummaa hamaa keessa galchuuf carraaqaa jira.
Akkasumas Saba Oromoo maqaa dha’achaa uummata qooduun garee paartii isaanii deggeruu fi maatii milishootaa qofaaf xaa’oo kennuun gariin ammoo dhorkachuun reebicha irratti raawwachaa jira.
Haaluma kanaan Bitootessa 25, 2024 godina Baalee Lixaa aanaa Harannaa Bulluq ganda Hawwaa Jiddii keessatti uummata deggeraa isaanii ta’eef xaa’oo kennuun gariin ammoo hoggaa dhorkatanitti uummatni akkam wal caala hundumaafuu kennamuu qaba jechuun wayita mormii kaasanitti milishootni ganda ollaa Soodduu Weelmal jiraataa tokko akkam dubbatta jechuun reebicha ulfaataa irraan ga’uun dhiiga afaaniif funyaan isaa keessaa dhangalaasan.
Wayita haati nama kanaa ilma ishee lafatti argitee iyyitutti bulchaan gandichaa namni maqaan isaa Amiin Raashid jedhamu ija keessa ilaaluun itti kolfee itti qoosuun arrabsee bakka sanaa deemsise jechuun maddeen keenya gabaasan.
Oduuma walfakkaatuun achuma godina Baalee Lixaa aanaa Dalloo Maannaa keessatti gandoota akka Goongomaa, Cirrii, fi Malkaa Amanaa keessatti dargaggoota doqdoqqee oofuun of jiraachisan tiraafikoonni daandii gubbaatti ba’uun maallaqa irraa guuruun dararaa jiru.
Dargaggoonni miidhaan Kun irra dhaqqabes biyya abbaa keenyaa irratti hojjennee jiraachuu dadhabne jechuun aanaa isaanii gad lakkisuun gara biraatti godaanaa jiraachuu maddeen keenya ONM’tti himan.

