ONM-ABO Gurraandhala 26, 2025
Gurraandhala 24, 2025 aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Qiciicootti hidhattootni sirnichaan nama biyya ambaa jiru maqaan isaa Hasan Mahaammad kan jedhamu mana isaa deemuun haadha warraa isaa fi maatii isaa mana keessaa reebanii gadi baasuun meeshaalee isaan ittiin fayyadaman mara kaan saamanii gariin caccabsuun, manicha ammoo kaleessa Gurraandhala 25, 2025 dhufnee gubna akka keessatti isin hin argine ittiin jechuun bakkeetti baasuun doorsisanii akka deeman barameera.
Aanichuma ganda Qotiitiitti Gurraandhala 22, 2025 ergamaan Bilxiginnaa Aliyyii Ammee jedhamu milishoota waliin ta’uun gandichatti imaluun “an ganda kana dhabee isin as keessa nagaan hin teessan jechuun nama maqaan isaa Mahaammad Amaan jedhamu jalaa baabura midhaan daaku ibidda itti shiduun barbadeessuun himame
Dabalataan ergamtootni murna Bilxiginnaa kunneen aanichuma ganda Roqaatti Gurraandhala 18 qonnaan bulaa maqaan isaa Mahaammad Adam jedhamu jalaa midhaan nyaataa dabalatee mi’a mana keessaa cufa waliin mana isaatti ibidda shiduun gubanii barbadeessuu fi guyyaadhuma sana gandichatti namoota hedduun nyaataa fi dhugaatii nuuf laadhaa jechuun doorsisaa kan turan yoo ta’u, namoota waan gaafataman hin qabnu jedhan ammoo uleedhaan garmalee reebaa turuu jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

