ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025
Jiraataa aanaa Harxummaa Fursee Qorii ganda Irreettii kan ta’e nama maqaan isaa Mahaammad Huseen Aliyyee jedhamu hidhattootni sirnichaa tibbana eegumsa naannoo baatu jechuun isaa fi namoota hedduu dirqamaan qabanii galgalaa fi ganama naannoo eegsisaa turuun, Sanbata ganama Gurraandhala 9, 2025 wayita inni har’a firri koo cidha qabu hojiin kun naaf hin mijatu jechuun yeroo inni itti himu gareen faashistii PP kunneen “ati ilaalcha WBO qabda jedhuun dhukaasa doorsisaa mataa irra qabanii dhokaasuun meeshaa isaa irraa hiikanii mooraa isaanii kan mana barumsaa magaalaa Furseetti hidhaniiru.
Hidhattootni kunneen Mahaammadiin wadaroon harka duubatti hidhanii dabareen itti wal darbuun uleedhaan garmalee reebuu irraa kan ka’e harki isaa tokko guutummaatti hojiin ala akka ta’ee fi haalli fayyummaa isaas yaachisaadha jedhu maddeen.
Kana malees guyyaadhuma kana ganda Bacceessaatti maqaa waltajjiin hawaasa hiraarsaa kan turan oggaa ta’u, reebichaa fi dararaan adda addaas bakka waltajjiitti hawaasa irratti raawwatamuu maddeen dabaluun gabaasan.
Dabalataanis haadha ammaaf maqaan ishee nu hin geenye osoo isheen gara magaalaa Caffaa Roobit deemaa jirtuu milishoonni sirnichaa doorsisanii qarshii 600 fi buna harkaa saamuun addeeffameera.

