ONM-ABO Bitootessa 9, 2025
Bitootessa 6, 2025 aanaa Harxummaa Fursee Qorii ganda Waaccootaa irraa milishoonni sirnichaa hidhata WBO qabda jechuun haadha ilmaan sadii Amiinaa Ahimed Shaambal kan jedhamtu daa’ima kichuu manatti irraa hambisuun ishee ammoo qabanii yoo deeman, guyyaadhuma kana ganda Bir’eessaa irraa shamarree maqaan ishee Faaxumaa Abduu Ahimed jedhamtu haadha ilmaanii, daa’ima waliin qabanii deemuun magaalaa Fursee mana barumsaa magaalaa Furseetti hidhanii dararaa jiraachuun ibsameera.
Oduu biraatiin ammoo aanichuma ganda Qileetti hidhattootni sirnichaa Gurraandhala 26, 2025 uummata dirqiin waltajjii baasanii gaaffii nu gaafadhaa, yoo nuti rakkoo qabaannes ni sirreeffanna, kanaaf rakkoo jiru himadhaa! jedhanii akka waan rakkoo hawaasaa sana furaniitti hawaasaaf waadaa galanii wayita uummanni akkuma afaan isaanii jalqabaa se’ee rakkoo isaa himachuu fi gaaffii “namni nagaan badii malee maaliif ajjeefama?, maaliif manni isaa gubataa fi maaliif qe’ee irraa buqqa’a jechuun gaaffii isaanii jalqabuu maddeen eeran.
Gaaffilee kanas jalqaba kan gaafate nama hawaasicha keessatti fudhatama qabu Obbo Adam Umar Moorkee nama jedhamu ta’uu jiraattotni himuun, caasaaleen Bilxiginnaa kunneen wayituma sana” ati hawaasa keessaa ba’i jedhanii “qofaa isa kaa’uun yerooma sana mooraa waraana faashistii PP magaalaa Furseetti geessanii isa ajjeefneerra jedhanii hawaasicha rifaasisuun akka namni biroon gaaffii akkasii hin gaafanne kan ugguran ta’uu fi Obbo Adam Moorkee kana ammoo reebicha ulfaataa irratti raawwachuun innis wayita ammaa mooraa waraanaa keessatti hidhamee dararamaa jira.
Reeebicha irratti raawwatameenis lafaa ka’uu kan hin dandeenye ta’uu fi nama kana ammaan duras mana isaa jalaa gubuu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama.

