ONM-ABO Waxabajjii 1, 2025
Kaleessa Caamsaa 31, 2025 aanaa Harxummaa Fursee ganda Ontuu (Burqaa) jedhamutti milishoonni sirnichaa maatii qabsaa’otaa dararuuf qe’ee jiraattotaatti bobba’an maanguddoo ganna 75 olii abbaa ilmaan 9 kan ta’an, Obbo Abduu Adamuu badii tokko malee qabanii harka dudduubatti hidhuun haala suukkanneessaan ajjeesuun ibsameera.
Akka jiraattotni ganda Burqaa jedhanitti, milishoonni sirnichaa kun maanguddoo kana mana isaanii keessaa gadi baasanii qawwee kee fidi ittiin jechuun garmalee reebuu himuun, boodarra ammoo yeroo inni “ani qawwee hin qabu “jedhee deebisu maatii qabsaa’otaati ajjeesaa gadi hin lakkisinaa jechuun ajjeesuu eeran.
Dabalataan aanichuma ganda Golboo Arbaatti Caamsaa 29, 2025 maatii qabsaa’otaa fi fira tokkicha kan ta’an:
- Ahimed Sulxaan Ibraahim, ilma isaa Mahaammad Ahimed Sulxaan,
- Ibraahim Sulxaan Ibraahim
- Kaalid Jawar daa’ima ganna 13,
- Haadha warraa Aliyyii Sulxaan Ibraahim haadha ilmaan 7 kan taate Mareemaa kan jedhamtu daa’ima kichuu reefuu dhalatte waliin
qabanii reebicha ulfaataa irraan ga’uun iddoo Mudha Hiddii jedhamutti yoo hidhan, ganda Golboo Arbaa fi ganda kan biroo dabalatee maatii qabsaa’otaa kan ta’an abbootii warraa 20 ol qe’ee irraa buqqisaniiru.

