Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaatti milishoota sirnichaan hidhaa, reebichaa fi saamichi maatii qabsaa’otaa irratti raawwatamu cimee itti fufe 

ONM-ABO Waxabajjii 5, 2025 

Waxabajjii 4, 2025 aanaa Dawwee Harawaa ganda Adaaloo irraa milishoonni sirnichaa maatii qabsaa’otaa abbaa fi ilma kan ta’an: 

  1. Diingoo Moommadee fi 
  2. Moommadee Diingoo 

reebicha ulfaataa irratti raawwachuun dargaggoo Moommadee jedhamu qawwee kee fidi ittiin jechuun garmalee reebanii qawwee isaa irraa hiikkachuun abbaa isaa waliin hidhaniiru.

Guyyaadhuma kana aanichuma ganda Hilloo irraa shamarree maqaan ishee Tamiimaa Xoyib jedhamtu obboleettii WBO’ti jechuun garmalee reebanii hidhuus dabaluun dubbatu.

Ganda Manduuboo irraa ammoo milishoonni murna Bilxiginnaa Waxabajjii 4, 2025 ilmaan keetu miseensa WBO’ti maqaa jedhuunis nama maqaan isaa Mahaammad Umar jedhamu jalaa midhaan kuntaala 55 fe’atanii yoo deeman, gandichatti maqaa WBO’f eeruu laattu jedhuunis bilbiloota harkaa 28 ol jiraattota irraa saamanii jiraachuun ibsameera.

Kana malees Caamsaa 25, 2025 ganda Jajjabaa irraa jaarsa biyya Obbo Usmaan Mahaammad Xinnoo jedhaman maqaa ilma keetu miseensa WBO ta’ee caasaa keenya ajjeesaa jira jedhuun reebicha hamaa ta’e irraan ga’anii magaalaa Booraatti hidhanii doorsisaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version