ONM-ABO Adoolessa 11, 2025
Adoolessa 9, 2025 aanaa Dawwee Harawaa ganda Adaalootti milishoonni sirnichaa sabboontotaa fi maatii qabsaa’otaa dararuuf gandichatti bobbaafaman maatii qabsaa’otaa kan ta’an:
- Huseen Yasufii fi
- Suwaabir Hasan
jedhaman ooyiruu keessan qottan ittiin jechuun badii tokko malee qabanii reebuun magaalaa Booraatti yoo hidhan, guyyaadhuma kana ganda Buukkoo irraa ammoo Umaara Ibraahim jalaa bilbila guddaa fudhatanii deemuun barame.
Oduuma hidhaatiin aanichumatti Adoolessa 6, 2025 ganda Sanqallee Olii jedhamu irraa milishoonni murna PP jaarsa biyyaa Obbo Mahaammad Huseen Moommadii jedhamu maqaa ooyiruu maatii qabsaa’otaa qotte jedhuun gara laafina tokko malee garmalee reebanii hidhaatti darbachuu jiraattotni onichaa dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Baatiin Adoolessaa roobnis garmalee deddeebi’ee waan roobuuf qonnaan bultootaaf yeroon kun yeroo addaa oggaa ta’u, qonnaan bulaan qooda yeroodhaan xaa’oo fi sanyii filatamaa argatee oomishtummaa isaa guddifatutti caasaaleen Bilxiginnaa faallaa isaa bakkoota tokko tokkotti qonnaan bultootaan kan nuti jenne malee hin qottan jechuun yoo doorsisan, gama biraan ammoo maatiin qabsaa’otaa ooyruu isaanii qotuun hafee miillumaan akka hin seenne dhurkuun reebanii hidhuu irratti argamu.

