Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaatti bulchitoota sirnichaan maatiin qabsaa’otaa doorsifamaa fi qabeenyaan isaanii saamamaa jiraachuun ibsame 

ONM-ABO Sadaasa 25, 2024

Sadaasa 23, 2024 Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa ganda Dirree keessatti bulchaa bilxiginnaa ganda Dirree kan ta’e namni maqaan isaa Obbo Sayid Usmaan jedhamu maatii qabsa’aa kan ta’e nama maqaan isaa Huseen Mohaammad jedhamu jalaa xaafii ardaba  4  harkaa fudhachuu jiraattotni himan.

Akka jiraattotni ganda Dirree dubbisne jedhanitti, qonnaan bulaan Huseen Mohaammad jedhamu bulchaa bilxiginnaan doorsifamuun qabeenyaan isaa harkaa saamame kun siyaasa  dhaaba kamiyyuu kan hin hordofne ta’uu himuun, namni kun ooyiruu namootaa qixxee fuudhuun qotee ofii fi maatii isaa kan jiraachisu yoo ta’u, bulchaan PP kun garuu maqaa maatii qabsaa’otaati kanaaf kun ammoo adabbii keessan jedhuun irraa saamee harka duwwaatti hambisuu dubbatan.

Bulchaan Bilxiginnaa Obbo Sayid Usmaan jedhamu kun gochaa badii isaa kana ittuma fufuun, guyyaadhuma kana Sadaasa 23, 2024 kana ganduma Dirree keessaa nama maqaan isaa Yusufee Abbaa Abduu jedhamuun qotiyyoo maatii qabsaa’otaa maaliif irraa bitte? ittiin jechuun reebicha cimaa irratti yoo raawwatu, qotiyyoo Yusufeen qarshii isaan bitate  nama na gaafatuun arga jechuun bulchaan sirnichaa kun ooffatee mana isaatti galfachuu jiraattotni ifoomsaniiru. 

Bulchaan ganda Dirree kun maatii qabsaa’otaa doorsisuu jabeessuun, torbee darbe Sadaasa 16, 2024 ganduma Dirree irraa konkolaachisaa baajaajii kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Nuuruu Huseen Indirroo jedhamu reebee yeroo inni harkaa miliqu dhukaasa irratti kan bane yoo ta’u, dargaggoon guyyaa sana baqate hanga ammaatti bakka inni bu’e hin baramin jira.

Exit mobile version