ONM-ABO Muddee 26, 2024
Sayid Aliyyii kan jedhamu dhalataa godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa jiraataa ganda Baabbooti. Dargaggoon Sayid bara 2023 shamarree maqaan ishee Kadijjaa Iisaa jedhamtu fuudhuun bultii waliin ijaarratanii waliin jiraachaa kan turaniidha. Muddee 24, 2024 aanaa Dawwee Harawaa ganda Baabbootti galgala toora sa’a 2:00 irratti bulchitoonni sirnichaa mana isaa deemuun haadha manaa isaa waliin rasaasa itti roobsuun haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii biraa deeman.
Namni kun hojii idilee isaa qofa irratti xiyyeeffachuun kan jiraatu malee siyaasa kamuu kan hin hordofne ta’uu jiraattotni himan. Fira dargaggoo ajjeefame Sayid kanaa kan ta’e namni maqaan isaa Obbo Huseen Mohaammad Ibraahim jedhamu bulchaa aanaa Dawwee Harawaa yoo ta’u, bulchaan aanaa Dawwee Harawaa kunneenis firoottan bulchaa godina Walloo kan ta’an warra gosa (fira) jedhamaniin aangoo irratti wal qabanii yeroo baay’ee walitti dhukaasuun namoota hedduu walii isaanii irraa ajjeesaa kan turaniidha.
Boodarra ammoo bulchaan aanaa Dawwee Harawaa fi firoottan bulchaa godina Walloo kun walii isaaniitti araaramuun nagaa ta’anii jiraachaa akka jirantu himama. Firoonni bulchaa godina Walloo kun bulchitoota aanaa Daawaa Caffaa fi hojjettoota waajjira magaalaa Kamisee ti. Isaaniis aanaa Daawaa Caffaa fi magaalaa Kamisee irraa gara aanaa Dawwee Harawaa imaluun dargaggoo Sayid fi haadha manaa isaa haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii biraa deemuu jiraattotni gandichaa ONM’tti himaniiru.

