ONM-ABO Amajjii 9, 2025
Uummanni Oromoo aanaa Dawwee Harawaa fi uummatni naannoo Affaar waggoota shanan darbanii kaasee hanga yoonaatti nagaan waliin jiraachaa kan turan yoo ta’u, tibba kana ammoo Muddee 1, 2024 irraa eegalee murni bilxiginnaa summii uummata Oromoo fi Affaar gidduutti facaasuuf jecha naannoo Affaar qarshii nyaachisee dabballoota isaa heddumminaan naannoo Affaaritti bobbaasuun maqaa hidhata WBO qabdaan namoota doorsisaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Amajjii 7, 2025 godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa iddoo addaa Warsaamettii jedhamutti shiftoonni naannoo Affaar konkolaataa ilmaan Oromoo Isuzu lama cilee jiraattotaa fe’ee gara magaalaa Harawaa deemaa ture riphanii bosona walakkaatti eeguun ilmaan Oromoo kanneen qabanii garmalees reebanii saamuun boodarra poolisoota naannoo Affaaritti bilbiluun ilmaan Oromoo konkolaataa lamaa waliin qabneerra kottaa nurraa fudhaa jedhanii poolisoonni naannoo Affaar dhufanii magaalaa Affaar Wadaraagee jedhamu geeffachuu maddeen himan.
Ilmaan Oromoo hidhattoota naannoo Affaariin ukkaamfaman kanneen keessaa muraasni maqaa arganne, jiraataa ganda Dirree kan ta’e:
- Sayid Nuura Aliyyee,
- konkolaachisaa Isuzu Anuwaar fi
- konkolaachisaa Nuura kan jedhamanii fi
namoota maqaan adda hin baane danuu dabalatee shiftoota kanneeniin butamanii yeroo ammaa eessa akka jiran hin baramin jira.
Ilmaan Oromoo hattoota Affaariin ukkaamfaman kunneenis cilee namoonni harka qalleeyyiin ilmaan isaanii ittiin jiraachifachuuf gubanii gabaa geeffachuuf harree fi gaala waan hin qabneef konkolaataa yaammatanii itti fe’achuun galaa osoo jiranii kan butamanii fi cileen jiraattotaa kunneenis baay’inni isaa 200 ol ta’uun himameera.

