ONM-ABO Muddee 15, 2024
Dargaggoon Oromoo maqaan isaa Anuwaar Sayid jedhamu dhalataa aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Booraa kan ta’e, magaalaa Booraa keessaa hidhattoota sirnichaan maqaa WBO deggarta jedhuun ari’amee naannoo Affaar magaalaa Wadaraagee jedhamutti galuun jiraachaa kan tureedha.
Dargaggoon kun konkolaachisaa baajaajii yoo ta’u, Muddee 12, 2024 magaalaa Affaar Wadaraagee jedhamu keessatti osoo baajaajii oofaa jiruu waraanni raayyaa ittisa Impaayerattii magaalaa guddittii Affaar Samaraa jedhamu irraa dhufuun dargaggoo Oromoo Anuwaar fi sabaan uummata Affaar kan ta’e jiraataa ganda Baldhaadulloo dargaggoo Ajjoo jedhamu waliin qabanii garmalee reebuun magaalaa Samaraa yoo geessan, yeroo ammaa ammoo magaalicha keessaas baasanii achi buutee dhabamsiisaniiru jedhu maddeen.
Maatiin dargaggoota kanneenii yeroo magaalichatti bilbilchiisuun itti gaafatamaa waraana faashistii PP gaafatanitti, ijoollee keessan ni fudhattu magaalaa Samaraa koottaa jedheenii wayita maatiin kunneen ijoollee isaaniif jecha qarshii guddaa baasanii magaalicha ga’anitti, itti gaafatamaan sirnichaa isaan waame kun nuti ijoollee keessan hin argine nurraa deebi’aa, yoo hin deebinu jettanii diddan ta’e ammoo waan ta’uuf jirtan walumaan argina jedhee itti dhaadachuun sodaachisee akka galan taasisuu odeessi naannoo Affaar magaalaa Wadaraagee irraa ONM dhaqqabe addeesseera.

